Finxaalessummaan farra nageenyaa fi misooma biyyaati.

Nageenyi itti fufiinsa qabu sadarkaa hundatti mirkanaahee misoomnis akka dhugoomuuf ilaalchaa fi gocha finxaalessummaa irratti tokkummaadhaan qabsaahuun murteessaadha.

Ilaalchii fi gochi finxaalessummaa ka'umsaa hanga gahumsa isaatti heddummina kan hin keessummeessinee fi yaadama "ana qofa" jedhu kan bu'uureffatte waan ta'eef wal qixxummaa fi bilisummaan lammiilee irratti dhiibbaa qaqqabsiisuun nageenya booressa, misoomas ni gufachiisa.

Badhaadhina hunda galeessa dhugomsuudhaan hiyyummaa seenaa goochuuf imala eegalle galmaan gahuun kan danda'amu tokkummaa fi obbolummaa dhugaa dagaagsuu fi hirmaannaa lammiilee guddisuudhaan waan ta'eef kana galmaan gahuuf qormaata imalichaa kan ta'e finxaalessummaa irratti qabsoo itti fufiinsa qabu goochuudhaan bu'uuraan maqsuun barbaachisaadha.

Abdi Amin Bakar🇪🇹

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin.🅰️🅰️🅱️